Onkoloolessa 15, 2016 Hawaasni Oromoo Nezerlaand qabsoo bilisummaa Oromoon Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru irratti marii badhaa taasise. Mariin kuni kan taasifame magaalaa Amsterdam itti. Oromoonni marii kanarratti argaman kanniin qabsoo irratti wareegaman yaadatani; akkasumas ajjeechaa fi gidiraa mootummaa Woyyaaneetiin lammii isaanii irratti raawwatamaa jiru balaaleffataniiru. ‘Labsii yeroo muddamaa’ jechuudhaan sochii bal’aa ukkaamsaa fi saamichaa Woyyaaneedhaan
Hawaasni Oromoo Nezerlaand Ebala 16, 2016 Guyyaa Gootota Oromoo bifa oo’aadhaan magaalaa Amstardaamitti kabajate. Guyyaa kana hawaasni wolitti dhufuudhaan gootota qabsoo Oromoo irratti wareegaman yaadateera. Akkasumas dhaloota ammaa isa harka duwwaa Woyyaanee afoo dhaabbatuufis diniqisiifannaa fi kabajaa qabu ibsateera. Guyyaa Yaadannoo kanaa irratti qabsayonnii fi hayyoonni Oromoo seenaa guyyaa kanaan wolqabsiisanii haasawa nama barsiisuu fi hamilee