In News

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaand hiriira mormii cimaa geggeesse

Hawaasni Oromoo biyya Nezerlaand jiraatu baay’inaan daanditti bayuudhaan hiriira mormii cimaa geggeesse. Hiriirichi kan geggeeffame magaalaa Dan Haagitti guyyaa Kiibxataa Bitootessa 22, 2016.

Oromoonni hiriira kana irratti argaman sa’aa dheeraadhaaf mootummaa Woyyaanee balaaleffattaati kan oolan. Hawaasni kuni ummata Oromoo biyyatti ajeefamaa fi hidhaan dararamaa jiruuf deeggarsaa fi kabajaa qabus ibseera. Karaa danda’amu hundaan Oromoo biyyatti dhumaa jiruuf birmachuudhaaf waadaa seeneera.

Hawaasni Oromoo Nezerlaand xalayaa iyyannaa waajjira Muummicha Ministera biyyattiitti galfateera. Koree fi manguddoon hawaasaas paarlaamatti Koree Haajaa Biyya-alaa dubbisuudhaan rakkoo Oromoon keessa jiru gadifageenyaan ibsaniiru. Waajjira Muummicha Ministeraa fi koree paarlaamaa irraa deebii abdachiisaa argataniiru.

Hawaasni kuni hanga Oromoo irraa ajjeechaan, hidhaan, doorsisuu fi lafa irraa buqqisuun dhaabatutti  deggarsa fi qabsoo isaa kan hidhaabne ta’uus ifa godheera.

Leave a Reply

Send Us Message

*

Time limit is exhausted. Please reload CAPTCHA.

You may use these HTML tags and attributes: <a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <s> <strike> <strong>